Xiinxala Gahee Mammaaksota Oromoo Sirna Jaarsummaan Waldhabdee Furuu Keessatti Mammaakamanii: Galumsa Isaaniin

Authors

  • Magarsaa Dhinsaa

Keywords:

jaarsummaa, mammaaksota, Oromoo Maccaa, waldhabdee, waldhabdee furuu

Abstract

                   AXAREERA

kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaa gahee mammaaksonni Oromoo waldhabdee furuu keessatti qaban xiinxaluun addeessuudha. Ka’umsi qorannichaas, hanga qoratichi sakattaa geggeessetti addemsa jaarsummaan waldhabdee furuu keessatti mammaksonni galumsa garaagaraa bu’uureffachuun mammaakaman gahee maalii akka qaban qorannoon addeessse dhibuudha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsa sakattaa (survey ethnography) yommuu ta’u, maddeen ragaalee qorannichaas maddeen ragaalee tokkoffaa ta’anii isaanis jaarsolii biyyaa (jaarsolii araaraa)dha. Malleen iddatteessuu itti dhimma ba’amanis mala akkayyoo (purposive sampling)fi darbaadabarsaa (snowball sampling) yommuu ta’an, baayyinni waliigalaa iddattoo qorannoo kanaas raghimtoota ja’atamii shan (65)dha. Malleen funaansa ragaalee itti dhimma ba’aman immoo: daawwannaa (daawwannaa al-himaachisa), afgaaffii (afgaaffii al-caaseffamaafi caaseffama gammisaa)fi mariigaree xiyyeeffannoodha. Ragaaleen funaanamanis   yaadiddama ijaarsa hawaasummaa (social constructionist theory) bu’uureffachuun mala akkamtaa ibsaan xiinxalamaniiru. Argannoowwan bu’uuraa qorannoo kanaas: mammaaksonni adeemsa waldhabdee furuu hawaasaa jaarsummaarratti mammaakaman humna qaamota waldhaban akeekkachiisuu, ifachuu, safuu barsiisu, qeequu, miiraa tasgabii isaan keessatti uumuufi sadarkaa madda waldhabdee qaamota waldhabanii gadi buusuun, yookaan laaffisuun ibsuu olaanaa kan qabanidha. Akkasumas, murtoo jaarsaa safeeffachuun waldhabdee ofii furachuun safuu jiruufi jireenyaa hawaasummaa hawaasaa akka ta’e kan ibsanidha. Dabalataanis, humna miidhaafi balaa araara diduun jiruufi jireenya hawaasummaarratti, dinagdeerrattiifi gama siyaasaan fiduu danda’uu addeessuu olaanaa kan qabanidha.

Author Biography

  • Magarsaa Dhinsaa

    1Muummee Afaaniifi Ogbarruu Oromoo, Dhaabbata Qu’annoo Afaaniifi Gazexeessummaa, Yuunvarsiitii Wallaggaa; Naqamtee, Itoophiyaa

Journal of universal science and technology issue 2 cover

Downloads

Published

2023-07-18

Issue

Section

Articles