Xiinxala Itti fayyadama loogotaa Afaan Oromoo Barsiisuu keessatti: Dhaabilee barnoota ol’aanaa filatamanrratti kan xiyyeeffate
Keywords:
Itti fayyadama, looga, Afaan Oromoo, BarsiisuuAbstract
AXAREERAWaa’een itti fayyadama loogaa barnoota afaanii keessatti dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa gama ogeessootaafi qorattoota afaaniin irratti waliigalamus, haalli hojiirra oolmaa isaa ammallee kan gaaffii keessa galee jirudha. Kanaaf, Kaayyoon qorannoo kanaa, haalli itti fayyadama loogaa, Afaan Oromoo barsiisuu keessatti maal akka fakkatu xinxaaluufi adeemsa itti fayyadamaa keessatti rakkoolee mudatan adda baasuun yaada furmaataa kennuudha.Kaayyoo kana galmaan ga’uuf, saxaxa qorannoo ibsaa keessatti malli dhiyaannaa makaa hojiirra ooleera. Qorannoon kun keessumaayyuu haala raawwii barsiisotaa kan xiinxalu ta’us, barattootniifi barsiisotni akka barbaachisummaa isaatti mala iddatteessuu carraafi akkayyoon filamuun ragaan guurameera. Haluma kaanan, barattoonni 52 barsiisotni 20 qoqqooddii loogaa isaanii irratti hundaa’anii akka iddattootti filatamaniiru. Gama kaaniin, Jechootni qabiyyee yaadannoo gosoota koorsii garaagaraa barsiisotni qopheessan keessaa 200 kan kaayyoon iddatteeffamanidha.Walumaa galatti, ragaalee hammamtaafi akkamtaa walitti fiduun rog-sadeessuun xiinxalameera. Argannoowwan akka mul’isanitti,qindoominaafi tokkummaa dhabuu itti fayyadama loogaa,itti fayyadamni loogaa fedhiifi seenduubee garaagarummaa barattootaa kan gidduu gala hingodhanne ta’uu, muuxannoon garaagarummaa loogaa barsiisotaa gadaanaa ta’uu,faca’insi jechootaa naannoo loogaa garaagaraa yaadannoo keessaa walmadaalaa ta’uu dhabuu fa’idha. Rakkoolee kanneen furuu keessatti, barsiisota gahoomsuurratti hojjachuu, sirna barnootaa fooyyeessuu, imaammata itti fayyadama loogaa mirkaneessu qopheessuu akkasumas afaan karoorsuun (waltaasisuun) komee gama fayyadamtoota garaagaraan ka’an furuurratti hojjachuun fala ta’a.
Downloads
Published
Issue
Section
License

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial-NoDerivatives 4.0 International License.
