Xiinxala Tooftaalee Tuutjecha Barsiisuu Kitaabota Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 5-8
Keywords:
Afaan Oromoo, Tuutjecha, tooftaalee, qajeelcha kitaaba, barsiisuuAbstract
AXAREERAKaayyoon gooroo qorannoo kanaa tooftaalee tuutjecha barsiisuu kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiistotaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8 xiinxaluudha. Gaaffileen bu’uuraa qorannoo kanaas tooftaaleen tuutjecha barsiisuu kitaaba barattootaafi qajeecha barsiistotaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8 keessatti dhiyaatan kanneen akkamiiti? Barsiistonni Afaan Oromoo tooftaalee tuutjecha barsiisuu kanneen hammam hojiirra oolchaa jiru? kanneen jedhamanidha. Saxaxi qorannoo kanaa saxaxa ibsaadha. Malli qorannoo walmakaan qorannicha geggeessuuf dhimma itti ba’ameera. Sababni isaas malli kun hubannoo fooyya’aa, gadi fageenyaafi bal’ina qabu argamsiisuu danda’a jedhamee waan amanameefidha. Maddi ragaalee qorannoo kanaas madda ragaa tokkoffaati. Kunis kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiistotaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8ti. Malli iddatteessuu qorannichaas mala kaayyeffataati. Toofaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’aman immoo xiinxala dookimantiifi daawwannaa dareeti. Ragaaleen funaanamanis mala ibsaafi lakkoofsaan xiinxalamaniiru. Argannoowwan qorannoo kanaas tooftaaleen tuutjecha barsiisuu kitaaba barattootaafi qajeelcha barsiistotaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8 keessatti hammataman fayyadama jechaa (bakka galumsaatti gargaaramuu), hiika bakka galumsaa jechootaafi gaaleewwaniifi hiika hariiroo barsiisuu ta’uu adda ba’eera. Kun immoo tooftaaleen tuutjecha barsiisuu kitaabota kanneen keessatti dhiyaatan gosaan murtaa’oo ta’uu argisiisa. Akkasums, barsiistota Afaan Oromoo kutaa 5-8 barsiisan keessaa 12 iddatteeffamuun daawwatamanii 8 (%67) tooftaalee tuutjecha barsiisuu kanneen hojiirra oolchaa akka hinjirre hubatameera. Ragaan kun immoo barsiistonni harki caalaan tooftaalee tuutjecha barsiisuu kana hojiirra oolchaa akka hinjirre argisiisa. Kanaaf, rakkoo kana furuuf qaamni sirna barnootaa Afaan Oromoo qopheessu kitaabota afaanichaa garafuulduraatti qophaa’an keessatti tooftaalee tuutjecha barsiisuu garaa garaa hammachiisuufi manneen barnootaa sadrkaa 1ffaa kutaa 5-8 immoo barsiistota Afaan Oromoo rakkoo tooftaalee tuutjecha barsiisuu hojiirra oolchuu dadhabuu qaban adda baasuun waajjira barnootaa aanaa waliin ta’uun leenjii hubannoo isaanii cimsu kennuun barbaachisaadha.
Downloads
Published
Issue
Section
License

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial-NoDerivatives 4.0 International License.
