Ijaarsa Eenyummaa dhuunfaa Geerarsa Oromoo Keessatti

Authors

  • Waaqgaarii Tasfayee
  • waaqtolaa Waaqjiiraa
  • Guddataa Abdiisaa

Keywords:

Geerarsa, eenyummaa, eenyummaa dhuunfaa, ijaarsa eenyummaa

Abstract

                                                        AXAREERA

Qorannoon kun Ijaarsa Eenyummaa Dhuunfaa Geerarsa Oromoo Keessatti kan jedhu irratti geggeeffame. Kaayyoon ijoo qorannichaas geerarsi Oromoo haala ittiin eenyummaa dhuunfaa ijaaru xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsaa ta’ee, maddi ragaa qorannichaas madda raga tokkoffaafi lammaffaadha. Ragaaleen qorannichaa Oromoo Maccaa keessaa aanaa Giddaa Ayyaanaa, Gachii, Jimmaa Gannatiifi Waayyuu Tuqaa irraa funaaname. Raghimtoonni qorannichaa jiraattota aanalee kana keessaa warreen geerarsa irratti hubannoo qaban maanguddootaafi dargaggoota mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaan iddatteeffamanidha. Ragaaleen kunis daawwannaa, marii gareefi afgaaffiidhaan funaanaman. Geerarsoonni eenyummaa dhuunfaa ijaaruuf oolan kunis meeshaalee funaansa ragaalee garaagaraa kanneen akka suuraa kaasuu, suursagalee waraabuu, sagalee waraabuufi yaadannoo dirree qabachuutiin funaanamanii jiru. Geerarsoonni kunis yaaxxinnoota galumsaa, tajaajilaa, goleewwaniifi ijaarsitoota haala hawaasaan xiinxalamaniiru. Geerarsoota funaanaman keessattis eenyummaa hiyyummaa keessaa ba’uuf tattaafachuu, sadarkaa hawaasa keessatti qaban ibsachuu, beekamtii qabaachuufi kaka’umsa hojii namni tokko qabaachuu qabu akka ijaaramuu danda’u bira ga’amee jira.

Author Biographies

  • Waaqgaarii Tasfayee

    1Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu,Yuunivarsitii Mattuu

     Email: wakgari20@gmail.com

  • waaqtolaa Waaqjiiraa

    2Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Wallagga University

    Email: waktolawakjira@gmail.com

  • Guddataa Abdiisaa

    3Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu, Wallagga University

                              Email. gudetaabetu@gmail.com

Downloads

Published

2023-07-18

Issue

Section

Articles