Haalleen Taphni ijoollee Oromoo Maccaa keessaatti Taphatamu
Abstract
AXAREERAAdeemsa jiruufi jireenyaa hawaasaa keessatti haalleenifi taatewwan adda addaa ni uumamu. Kunimmoo raawwiilee raawwatamaniifi hariiroowwan adda addaa akka jiraataniif sababa ta’u. Ijoolleenis akka qaama hawaasaatti jiruufi jireenyaa jiraatan keessatti haalleen adda addaa keessa seenuu. Waraqaan kunis ijoolleen Oromoo Maccaa haalleen jiruufi jireenyaa guyyuu keessatti isaan mudatu yookaan keessa seenan akkamitti taphaaf akka mijeeffataniifi isaan kunis ofiisaaniitiin akkamitti taphoota isaan taphataniif ka’umsa yookaan sababa akka ta’an qorachuurratti xiyyeeffata. Qorannoon kun yaadxina tajaajilaa, yaaxina galumsaafi yaadxina ijaarsa hawaasummaa bu’uureffatee adeemsifame. Ragaaleen qorannichas aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Gachii, Najjoo, Waayyuu Tuqaafi Jimmaa Gannatiitii ijoollee, maatii ijoolleefi barsiisotarraa sassaabame. Ragaaleen qorannichaa ijoolleerraa bakka hojii adda addaa hojjetanitti, bakkeen taphaa adda addaattifi yeroo ga’eeyyii waliin dabarsanitti sassaabaman. Kunis daawwannaa, afgaaffiifi marii garee hirmaachisaatiini. Xinxaalliin ragaalee qorannichaas Oromoo Maccaa keessatti taphoonni ijoollee walitti dhufeenya ijoolleen walii isaanii wajjin taasisan, ga’eeyyiifi hojii keessatti taasisan keessatti akka taphataman agarsiisan.
Downloads
Published
Issue
Section
License

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial-NoDerivatives 4.0 International License.
