Xiinxala Hiika Maqaalee Nama Dhuunfaa Oromoo Booranaa Filatamanii
Keywords:
Oromoo Booranaa, Maqaa nama dhuunfaa, Hiika guyyuu, Hiika galumsaa, Onomaastiksii, AntiroponomaastiksiiAbstract
AXAREERAQorannoon kun hiika maqaalee nama dhuunfaa Oromoo Booranaa filataman xiinxaluu irratti xiyyeeffatee kan gaggeeffameedha. Sababni kaayyoon kun xiyyeeffatameefis, hiika guyyuufi hiika galumsa hawaasichaa maqaaleen nama dhuunfaa Oromoo Booranaa qaban irratti hanga qorataan sakatta’etti namni qorannoo gaggeessee waan hinjirreefiidha. Kana jechuun qaawwii qorannoo jiraachuu isaati jechuudha. Akkasumas, hiika maqaaleen nama dhuunfaa hawaasichaa qaban xiinxaluun barreeffamaan olkaa’uufiidha. Gosti qorannoo hojiirra oole, qorannoo ibsaa yoo ta’u, saxaxani isaa immoo ibsa akkamtaati. Maddi ragaalee qorannichaa, madda ragaa tokkooffaati. Isaanis, jaarsolii argaa dhageettii Oromoo Booranaati. Malli iddatteessuu fayyadamame, mala iddatteessuu akkaayyoofi darbaa dabarsaati. Mala kanaan, jaarsolii argaa dhageettii sagal, dhiira torbaafi dhalaa lama irraa mala afgaaffiifi marii gareetiin ragaaleen guuramanii jiru. Haala kana keessatti, afgaaffiin namoota sagaliif kan taasisame yoo ta’u, mariin garee, garee tokko kan miseensa namoota torba qabaniif kan taasisameedha. Ragaaleen kunneen, suursagaleefi yaadannoo dirreetiin galmeeffamuun erga duraa duubaan qindeeffamanii, yaaxxina ‘Antiroponomaastiksii’ bu’uureeffachuun mala ibsaatiin xiinxalaman. Ragaalee xiinxalaman irraa bu’aan argame: Maqaaleen nama dhuunfaa Oromoo Booranaa tasa kan hinmoggaaffamne, hiika guyyuufi galumsa hawaasichaa kan qabaniidha. Hiikni guyyuu jechoota hawaasichi, haala jiruufi jireenyaa, amantii, qabeenya uumamaa naannoo isaanii jiru, uumama lafaafi waaqarraa, falaasama, caasaa ijaaraminsa hawaasaafi kanneen kana fakkaatan ittiin waaman kan bakka bu’uufi ibsuudha. Hiikni galumsa hawaasichaa immoo, hiika guyyuu irraa kan maddaniifi hariiroo maqaafi caasaan ijaarama hawaasichaa, hariiroo aadaafi amantii, hariiroo namaafi waaqaa giddu jiru, hariiroo namaafi namaa gidduu jiru, hariiroo namaafi seeraa uumaafi uumamaa gidduu jiru, hariiroo namaafi dhugeeffannoo hawaasichaa kan ibsaniidha. Kanaaf, Oromoon Booranaa hiikni maqaalee nama dhuunfaa ibsituu enyummaa mul’atu, qabeenyaafi naannoo hawaasichi keessa jiraatu kan ibsu, jiruufi jireenya hawaasichaa kan calaqqisiisu waan ta’eef, maqaalee ganamaa daa’imman isaaniif itti fufiinsaan moggaasuun gaarii ta’a jedhamee yaadama. Akkasumas, mootonniifi amantaan garagaraa hiikni maqaalee ganamaa eenyummaa kan ibsu; hiika jiruufi jireenya hawaasichaa kan qabu waan ta’eef, dhiibbaa mul’ataafi hinmul’anne taasisuun jijjirsisuu irraa osoo ofi qusatanii gaariidha.
Downloads
Published
Issue
Section
License

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial-NoDerivatives 4.0 International License.
