Xiinxala Akkaatummaa Sadarkaawwan Xiinqooqaa Barwalaloowwan Oromoo Filatamanii
Keywords:
Akkaatummaa, Sadarkaa Haala Barreeffamaa, Sadarkaa Jechaa, Sadarkaa Himaa, Sadarkaa Hiikaa, BarwalalooAbstract
AXAREERA
Kaayyoon qorannoo kanaa akkaatummaa sadarkaawwan xiinqooqaa barwalaloowwan Oromoo filatamanii xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuufis, mala akkamtaafi saxaxa ibsaatu filatame. Kitaabota barwalaloo “Anaan’yaa”fi “Obomboleettii” keessaa walaloowwan akkaatummaaf mijatan sakatta’uun shan, shan walitti walaloowwan kudhantu mala akkayyootiin filatame. Maddi ragaalee qorannichaas madda ragaa tokkoffaa ta’ee ragaaleen tooftaa xiinxala barruutiin walitti qabamaniiru. Ragaaleen kunneenis, gareetti qoqqoodamuun adeemsa adeessuu-xiinxaluu-madaaluutiin yaaxxina akkaatummaa bu’uureffachuun argannoowwan kanatti aananii jiran argamaniiru. Akkaatummaan haala barreeffamaa keessaa haquufi luuccessanii barreessuun kitaabota lachuu keessatti hojiirra oolaniiru. “Obomboleettii” keessatti (mallattoo gaaffiifi raajeffannoo yeroo tokkotti iddoo tokkotti gargaaramuu, jechoota hedduu sarara xiqqaan walitti hidhuun hima ijaaruu…tu) hojiirra oole. “Anaan’yaa” keessatti immoo, (bo’oowwan hundi qubeewwan xixiqqaan jalqabuu, bo’oowwan muraasni sarara xiqqaan eegaluu, jechootni ulaagaa tokko malee gidduu bo’ootti qub-guddeessa gargaaramuutu) mul’ate. Kanneentu, walaloowwaniif midhaagina kennuun ergaan walaloowwanii xiyyeeffatamuun faana akka dhahamu taasise. Jechoonni walaloowwan kanneen keessatti dhiyaatanis, amala marmaarinsaan mul’achuu waan agarsiisaniif hariiroo gubbaa-gadiifi dalgee uumuun walunannaan yaadaa akka jiraatu godhaniiru. Marmaaruun himootaas, bo’oowwan walaloowwanii gidduutti walitti hidhaminsa yaadaa uumuun ergaan qindoomina jabaa qabu akka darbu taasisee jira. Sadarkaa hiikaatti immoo, qooddattoota walaloowwanii faana dhahuudhaan hiikaa jechoonni sunneen baatanii jirantu faana dhahame. Kunis, ergaawwan walii galaa walaloowwan keessa dhokfaman barbaaduuf akka karaatti gargaaruu danda’uutu hubatame.
Downloads
Published
Issue
Section
License

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial-NoDerivatives 4.0 International License.
